Hawaasni Ispoortii fi deeggartoonni akkasumas uummanni Magaalaa Magaalaa Sabbataa hiriira balaleeffannaa garee Shanee fi ABUT bahan

Finfinnee, Hagayya 23, 2013 (FBC)- Hawaasni Ispoortii fi deeggartoonni akkasumas uummanni Magaalaa Magaalaa Sabbataa hiriira balaleeffannaa garee Shanee fi ABUT bahaniiru.

Hawaasni Ispoortii fi deeggartoonni akkasumas uummanni Magaalaa Sabbataa gochaa ABUT fi Shanee balaleeffataniifia Raayyaa Ittisaa biyyaa deeggaruun hiriira bahan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Obbo Biraanuun Baqqalaa Biyyii fi uummanni keenya sammuu gabrummaafi koloneeffannaa akka hin qabnee seenaan keenya kan agariisuu caalaa diinoonni keenya cimsanii beekuu jedhan.

Obbo Biraanuun Raayyaa Ittisa Biyyaafi humna nageenyaa qorraafi aduu otoo hin jennee biyyatti eegan deeggaruun, humna shororkeessaa Shanee fi ABUT balaaleeffachuu qaamooleen Ispoortii Hawaasa Fi uummanni Magaalaa Sabbataa galateeffataniiru.

Hogganaan koomishinii Ispoortii Oromiyaa obbo Naasir Huseen, Sochiin ispoortii ga’uumsa qaamaa hawaasa irratti argamuudhaan gochuu Shanee fi ABUT balaaleeffachuun murteessa ta’u isaa ibsaniiru.

Obbo Naasir Huseen dargaggoonni biyya keenya fi qaamoleen ispoortii Hawaasa yeroo kamiiyyuu caalaa Qaamoolee shororkeessaa ABUT fi Shanee balaleeffachuun itti fufuu qaba jedhanii jechuusaani ragaan waajjira kominikeeshinii magaalaa Sabbataarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment