Hawaasni idil addunyaa uummataa fi Mootummaa Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuu qabu-Billanee Siyyuum

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Hawaasni idil addunyaa uummataa fi Mootummaa Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuu akka  qaban Itti gaafatamtuun Diijitaal Miidiyaa fi Afaanota Alaa Seekretariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Billanee Siyyuum ibsan.

Gareen Shororkeessaa ABUT yakka biyya diiguu raawwataa jiruuf akka itti gaafatamuuf Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad duula birmadummaa hogganaa jiraachuu ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT aangoo qabsoo uummataan dhabetti deebi’uuf waraana banuu fi hawaasa idil addunyaaf akka waan uummata Tigraayiif qabsaa’uutti olola sobaa tamsaasaa jiraachuu  eeraniiru.

Qaamoleen tokko tokko kaayyoo dhoksaa isaanii milkeessuuf oduu sobaa “Ityoophiyaan diigamaa jirti” jedhu tamsaasaa jiraachuu kaasaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahmadii fi mootummaan Ityoophiyaa waldhabdee garee shororkeessaa kana waliin ture karaa nagaan hiikuuf waggoottan sadan darbanitti yaalii cimaa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Deeggarsi namoomaa Tigraayiif dhiyaatu %70 mootummaan ta’uu fi fayyadamummaa uummatichaaf jecha mootummaan tarkaanfii waliigaltee dhukaasa dhaabuu gamtokkee fudhatus gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaarirratti weerara gaggeessuu himaniiru.

Muummeen Ministiraa ijaarsa nagaarratti hojiilee qabatamaa ta’an hojjechuu fi garee shororkeessaan kun oduu sobaa afarsuun dhugaa kana dabsuu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad duula birmadummaa hogganuun tokkummaa Ityoophiyaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Gareen Shororkeessaa ABUT yakka biyya diiguu raawwataa jiruuf akka itti gaafatamuuf Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad duula birmadummaa hogganaa jiru jedhan.

Hawasni idil addunyaa mootummaa seera qabeessa ta’e mootummaa Ityoophiyaa cina dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment