Hawaasni idil addunyaa garee Shororkeessaa ABUTiin gara daandii nageenyaatti fiduu qaba- Mootummaa

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Daandiin nageenyaa akka hin cufamneef hawaasni idil addunyaa garee Shororkeessaa ABUTiin gara daandii nageenyaatti fiduu akka qabu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Gareen Shorkeessaa ABUT waraana malee jiraachuu hin dandeenye balbala nageenyaaf baname cufaa jiraachuu tajaajilichi ibsa baaseen eereera.

Bakkeewwan Raayyaan Ittisa Biyyaa qabatee turetti garichi haleellaa raawwachaa jiraachuu ibsameera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa filannoo nageenyaa mootummaa qabaachuun of eeggannoon ofirraa ittisaa jiraachuu ibsameera.

Hanga ammaatti tattaaffii mootummaan nageenyaaf taasiseefi gatii inni kaffale kan beekaman ta’uu yaadachiiseera.

Mootummaan walitti bu’iinsa kaaba biyyattii karaa nagaan hiikuuf murtoo dabarsuun isaa kan yaadatamu ta’uu eereera.

Bu’uura murtichaan murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu taasisuu yaadachiiseera.

Konkolaattonniifi deeggarsi namoomaaf naannicha galan hojiilee hin barbaachifneerra akka oolan osuma beekuu uummatichaaf jecha deeggarsi namoomaa rakkoo tokko malee gara naannichaa akka seenu haalota mijeessaa turuu yaadachiisameera.

Kana malees karoora mariifi mariisistoota isaa ifoomsuu ibsameera.

Yeroo kamittuu, eessattuufi dhimmoota kamirrattuu mari’achuuf qophii ta’uu beeksisuu eerameera.

Hawaasni idi addunyaa waamicha haqa maleessa “qaamoleen lameen” jedhu dhiisee garichi gara filannoo nageenyaa mootummaan qabatetti akka dhufuuf dhiibbaa akka taasisu waamicha dhiyeesseera.

Kun ta’uu baannaaniifi garichi haleellaa raawwatu kan itti fufu yoo ta’e, mootummaan dirqama seeraan itti laatame ba’achuuf tarkaanfii kamiyyuu fudhachuuf kan dirqamu ta’uu yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment