Hawaasni idil addunyaa deeggarsa namoomaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu cimsanii akka itti fufan gaafatame

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Hawaasni idil addunyaa deeggarsa namoomaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu cimsanii akka itti fufan Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa waamicha dhiyeesse.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Dhimmoota Namoomaa haala deeggarsa namoomaa idil addunyaa bara 2024 har’a ifa taasiisaniiru.

Gaafni Afrikaa sababa jijjiirama qabeenyaa qilleensaan irra deddeebiin rakkoof saaximaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Shifarraaw Takla Maariyaam ibsaniiru.

Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2023 keessa maallaqa deeggarsa namoomaaf ni barbaachisa jechuun karoorfatte Doolaara biiliyoona 3.9 keessaa % 30 qofa argachuu himaniiru.
Sababa kanaan hawaasn udil addunyaa deeggarsa taasiisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Comments (0)
Add Comment