Hawaasni idil addunyaa birmadummaa Ityoophiyaa guutuummaa guutuun kabajuu qaba-Chaayinaa

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Hawaasni idil addunyaa birmadummaa Ityoophiyaa guutuummaa guutuutti kabajuu qaba jechuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan aadda Chaayinaa yaadachiisaan.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haala waqtaawaa naannoo Tigraayiirratti mari’ateera.

Waltajjicharratti kan hirmaatan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan aadda Chaayinaa Daay Biing,  Hawaasni idil addunyaa birmadummaa Ityoophiyaa guutuummaa guutuutti kabajuu qaba jechuun yaadachiisaniiru.

Naannoo Tigraayitti guutuumma guutuun dhukaasni akka dhaabbatuu kan amanaan ta’uu ibsaniiru.

Chaayinaan adda addummaa naannichaatti muudatee qaamni ilaallaatuu mariin akka hiikuuf deeggarsa akka taasiftuu himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment