Hawaasni Godina Buunnoo Beddellee jiraattoota Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaaniin nyaataa taasiisan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Hawaasni Godina Buunnoo Beddellee fi dhaabbileen garagaraa Jiraattoota Godina Booranaa sababa hongee miidhamaniif miidhaan nyaataa fi marga horii Birrii miiliyoona 4.5tti tilmaamamu deeggarsa taasiisaniiru.
Boqqolloo kuntaala 1500, Daakuu kuntaala 100 fi marga horii beelli 620 deeggarsa taasiisaniiru jedhame.
Gargaarsi kun duudhaa yeroo rakkinaa walbira dhaabbachuu kan mirkaneesse ta’uu Itti-aanaa bulchaan Godina Buunnoo Beddellee obbo Girmaa Fiqaaduu ibsaniiru.
Deeggarsi godina hongee miidhamaniif taasiifamu kun cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment