Hawaasni ergaawwan ogeessota fayyaa fi mootummaarra daraban hojiirra oolchuun dhukkuba vaayrasii koronaarraa of eegachuu akka qabuu abbootiin Gadaa dhaaman

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Hawaasni ergaawwan ogeessota fayyaa fi mootummaarra daraban hojiirra oolchuun dhukkuba vaayrasii koronaarraa of eegachuu akka qabuu abbootiin Gadaa dhaaman.

Dhukkuba yaaddoo ta’aa jiru kanarraa hawaasni akka baraaramuuf of dagannaa malee karaalee dhukkubicha dabarsanirraa of eeggachuutu fala jedhan abbootiin Gadaa Oromoo FBC’f yaada kennan.

Abbaan Gadaa Tuulamaa fi barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa Irreessoo, abbaa Gadaa Booranaa Guyyoo Gobbaa fi Abbaan Gadaa Maccaa Ittafaa Caarataa Faanaa Biroodkaastiingiing Koorporeetif yaada kennaniin akka ibsanitti, garaa qulqulluun waaqas kadhachaa of eegannoo gochuu qabna jedhan.

Keessumaa aadaa nagaa ittiin walgaafannuu fi duudhaa hariiroo hawaasummaa qabnuun aadaa bakka tokkotti baay’achuu keenya hir’isnee, dhukkubicharraa of eeggachuu qabna jedhan.

Qulullina harkaa eeggachaa, xuxxuqqaan karaalee vaayrasichi itti darburraa ergaa ogeeyyotaa hojiirra oolchuun of haa eeganu, ergaawwan darbanis haa qalbifannu jedhan.

Taateewwan hawaasummaa ummata lakkoofsa ummataa bakka tokkotti baay’isan kanneen akka manneen sagadaa fi waqqeffannaatti hanga rakkoon biyyattiis tahee addunyaa mudaataa jiru kun fala argatuutti, hawaasnis ta’e abbootiin amantaa of eeggannoo osoo taasisaniin dhaamaniiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

 

Comments (0)
Add Comment