Hawaasni diyaaspooraa waggoottan darbanitti giddu seentuummaa hin malle mormaa turaniiru- Obbo Dammaqaa Makonnin.

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Hawaasni diyaaspooraa waggoottan darbanitti giddu seentuummaa biyyoota lixaa hin malle mormaa turaniiru jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraa fI Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.

Obbo Dammaqaan sirna simannaa diyaaspooraaf taasifamerratti haasaa taasisaniin miseensonni diyaaspooraa waggoottan muraasa darbanitti giddu seentummaa biyyoonni lixaa dhimma keessoo Ityoophiyaarratti taasisan mormaa turuu fi sosochii Pan Afrikaanizimii fi uummata gurraacha hunda kakaase gaggeessuu ibsaniiru.

Gareen weeraraa ABUT Ityoophiyaa salphisuuf gochoota safuu cabsan hedduu raawwachuu kaasaniiru.

Uummanni weerara garee shororkeessaa kana jala ture deeggarsa keenya barbaada jedhaniiru.

Hidhannoo dippiloomaasii hidhattanii akka deebitan amantaa qabna jechuun turtii milkaa’aa akka qabaataniif hawwaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment