Hawaasni Diyaaspooraa proojektootaa fi waamicha biyyaalessaaf Birrii biiliyoona 1 ol deeggarsa taasiisuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Hawaasni Diyaaspooraa proojektootaa fi waamicha biyyaalessaaf Birrii biiliyoona 1 ol deeggarsa taasiisuu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiise.
Ijaarsa Hidha Haaromsaaf birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 92, Proojektii Maaddii Biyyaaf miiliyoona 29, Ittisa weerara vaayrasii koroonaaf miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 82, hojii tola ooltummaa fi raayyaa ittisaaf birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 3, deeggarsa namoomaa fi deebisanii ijaaruuf birrii miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoona 93 deeggarsa taasiisuu Daayreektarri olaantuun Ejansichaa aadde Salamaawiit Daawiit ibsaniiru.
Bara kana Diyaaspooraawwan irraa Doolaarri biiliyoonni 3 argamuu fi proojektoonni Diyaaspooraa 83 kaappitaala Doolaara 3.9 galmeessiisan gara hojiitti galuu himaniiru.
Proojektoonni kunneen lammiilee kuma 13 carraa hojii uumuu ragaan Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment