Hawaasni Ayyaana Qilleetti wayita ibiddaa fi elektirikii fayyadamu eeggannoo akka taasisu gaafatame

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Hawaasni Ayyaanaa Qillee Dilbata dhufu kabajamuun walqabatee anniisaa elektirikii fi ibidda wayita fayyadamu eeggannoo barbaachisaa akka taasisuu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Magaalaa Finfinnee hubachiise.

Hojiilee hundaa yeroo walfakkaataatti walcinaatti hojjechuuf yaaluun dadhabbii kan hordofsiisuu fi xiyyeeffannaan waan dhabsiisuuf balaaf kan nama saaxilu ta’uu hubachuun gochicharraa akka of eeggannoo taasisan Ogeessi Kominikeeshinii fi Quunnamtii Ummataa Komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon FBC’f himaniiru.

Gama biraatiin wayita dungoon qabsiifamutti meeshaalee salphatti ibiddaa qabsiisuu danda’an irraa fagaachuu mirkaneessuu, wayita mana ba’anis dungooon qabate dhaamuu mirkaneessuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Miidhagina ayyaanichaaf sararoonni elektirikii diriirfaman yoo jiraatanis eeggannoo barbaachisaan akka taasifamu dhaamaniiru.

Ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf hawaasni ergaa akeekkachiisa duraa komishinicharraa darban akka hojiirra oolchaa eeruun, balaa eeggannoo taasifamurra darbee uumamuuf komishinichi deebii hatattamaa kennuf qophii xumuruu beeksisaniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment