Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Gareen ABUT daa’immaan umrii malee waraaranarratti hirmaachaa jiru hawaasni addunyaa baleeffachuu akka qabu Ministir Deettaan Ministera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gaafatan.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Hawaasni addunyaa tarkaanfii dhukaasa dhaabuu dhuunfa hordofee badii garichi raawwachaa jiru callisaan ilaaluu filachuu fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan miidhaa lammiileerra qaqqabu hir’isuuf Raayyaan Ittisaa naannoo Tigraay akka ba’u murteessee ture jedhan.
Tarkaanfii mootummaan fudhate kana gareen ABUT akka carraatti fayyadamuun haleellaa raawwachuu itti fufu isaa Ambaasaaddar Reedwaan ibsaniiru.
Garichi gochaa seerri idil addunyaa hin eeyyamne daa’imman waraanaa keessatti hirmaachisuu dabalatee yakkoota garaagaraa raawwachuu itti fufuu ibsaniiru.
Dhaabbileen idil addunyaa dhimma kana callisanii ilaaluun sirrii akka hin taane eeraniiru.
Biyyoota alaas ta’ee dhaabbilee deeggartootaa maqaa deeggarsaan Ityoophiyaa seenaniin dhimma keessoo biyyattii gidduu gala jiraniif mootummaan kana booda obsa kan hin qabaanne ta’uu hubachiisaniiru.
Keessattuu maqaa deeggarsaan kanneen Shororkeessitoota meeshaalee waraanaa hidhachiisan jiraachuu fi yeroo qalbeeffannna kana keessatti jijjiirramni yoo hin jiraanne mootummaan murtoo biyya baraaruu akka fudhatu himaniiru.
Shira keessaa fi alaan gochaa biyya diiguuf adeemamaa jiru mootummaan callisee kan hin ilaalle ta’uu kaasaniiru.
Mootummaan Tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu akka danda’u yaadachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.