Hawaasni addunyaa Afrikaa “Waraana Ololaa” biroo keessa akka hingalchine gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Seeneegaalii Fi Dura Taa’aan Gamtaa Afriikaa Maakii Saal hawaasni addunyaa Afrikaa “Waraana Ololaa” biroo keessa akka hingalchine gaafatan.

Maakii Saal kana kan jedhan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 77ffaa Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti.

Dura Taa’ichi, yeroo ammaa Afriikaa “Waaraana Ololaa” keessa seensisuurra, hawaasa addunyaa waliin michummaa faayidaa waloo mirkaneessanirratti bu’uureffachuun hojjechuu barbaaddi jedhaniiru.

Afrikaan ba’aa seenaa darbeetiin akka dararamtee fi yeroo ammaa madda “Waraana Ololaa” ta’uu akka dandeessu akeekaniiru.

Kana caalaa Afriikaan ardii tasgabbooftee fi michoota isheef carraa hojii kan mijeessite taatee itti fufuu akka barbaaddu eeraniiru.

Maakii Saal, hoo’inni addunyaa dabaluu, dhimmoota nageenya yaaddessoo, balaawwan fayyaa akkasumas muddama waraanaa Raashiyaa-Yuukireen keessatti akka argamtu, boruu waan haala umamuu malu hinbeekamnee keessatti argamti jedhan.

Dambii ittiin bulmaataa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa tokko shororkeessummaa ittisuu akkuma ta’e dhimmicharratti Afriikaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetamu gaafachuu isaanii CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment