Hawaasaatti meeshaan seeraan alaa 29 to’atame

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) –Magaalaa Hawaasaatti meeshaan seeraan alaa 29 to’atame.

Qajeelchi Poolisii Magaalaa Hawaasaa akka beeksisetti meeshaan seeraan ala dabarfamaa ture, konkolaataa waliin to’atameera.

Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa Hawaasaa fi Qajeelchi Poolisii Magaalaa Hawaasaa ibsa waloo laataniin akka beeksisanitti meeshichi kan to’atame kaleessa galgala naannoo sa’aa 5tti.

Konkolaataan fe’umsaa FSR meeshaan waraanichaa itti fe’amee ture, konkolaachisaan, daddabarsaan meeshichaa fi gargaaraan konkolaataa to’atamaniiru.

Comments (0)
Add Comment