Hawaasaa fi Sihuul Shireen leenjistoota waliin gargar ba’an

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) –Gareen Priimiyar Liigii Ityoophiyaa lama Hawaasaa fi Sihuul Shireen leenjistoota waliin gargar ba’aniiru.

Boordiin magaalaa Hawaasaa leenjisaa duraa Addisee Kaasaa kaasuun Birhaanuu Warquu leenjisaa yeroo taasise muuduu isaa ragaan sookar Ityoophiyarraa argame ni muldhisa.

leenjisaa Addisee Kaasaa garichi tapha Priimiyar Liigii Ityoophiyaa torbee 15ffaan Faasil simachuun 3-2 erga injifate booddee torbeef gara garichaatti akka hin deebine eerameera.

Kanumaan walqabatee, boordiichi walga’ii gaggeesseen leenjisicha gaggeessuun Birhaanuu Warquu yeroodhaaf muudeera.

Oduma walqabatuun leenjisaan Sihuul Shiree Saamsoon Ayyalaa garicha waliin gargar ba’eera.

Waggaa tokkoof garicha waliin turtii kan taasise leenjisichi sababa dhuunfaan garicha akka gadi dhiise beekkameera.

Comments (0)
Add Comment