Hawaasaa fi qaamolee nageenyaa qindeessuun finxaalessummaa ittisuuf ni hojjetama-Dooktar Qana’aa Yaadataa

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Hawaasaa fi qaamolee nageenyaa qindeessuun finxaalessummaa ittisuuf kan hojjetamu ta’uu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Qana’aa Yaadataa ibsan.

Biirichi Imaammata, tarsiimoo fi wixinee danbii raayyaa nageenyaarratti mari’ateera.

Wixineen danbicha tooftaa hojii nageenya magaalichaa saffisiisuu eegalame  kan qabu ta’uusaatiin qindoomina dhaabbilee nageenyaa gidduu jiru kan cimsu ta’uu Dooktar Qana’aan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Dabalataanis wixineen danbii kun yaada finxaalessummaa magaalichatti mul’atu ittisuu kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Hawaasaafi qaamolee nageenyaa qindeessuun nageenya magaalichaa eegsisuurra darbee finxaalessummaa ittisuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa magaalichaatti Daayrektarri damee tasgabbii obbo Maasrashaa Habtee gamasaaniin, hojiileen nageenyaa qindoomina hawaasaafi qaamolee nageenyaan hojjetaman imaammataa fi tarsiimoon hogganamuu qabu jechuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment