Hawaasa musliimaa qofaa utuu hintaane hawaasni biroonis waltumsuu fi waliif yaaduun Ityoophiyaa milkaa’ina yaadnuuf geessisuu qabna-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Hawaasa musliimaa qofaa utuu hintaane hawaasni biroonis waltumsuu fi waliif yaaduudhaan Ityoophiyaa qormaataa keessa baasuun milkaa’ina yaadnuuf geessisuu qabna jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummen Ministiraa Abiy Ahimad Ayyaanaa Arafaa 1443ffaa ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, wayita ayyaanaa arafaa yaadnuu qormaataa keessatti jabaatanii dhaabbatanii darbuu ta’uu ibsaniiru.

Nabiyyuu Ibraahiim ajaja Rabbiin ilma isaanii Ismaa’el aarsaa gochuuf yeroo deeman abbaas ta’ee ilmaa qormaanni miiraa jabaan mudachuu ibsaniiru.

Miira abbummaarra darbees seexanni diinni dulluma keessa ilma tokkichaa argatan ta’uu eeruun daandii isaaniirraa maqsuuf irra deddeebiin qoraa turuu eeran.

Nabiyyichi garuu utuu hin injifatamiiniif, ilmi isaanii Ismaa’elis fedhii isaa irra aanuun abbaan isaa akka ajaja Rabbii raawwatuuf jaajjabeessuu eeraniiru.

Ayyaana Arafaa wayita kabajnu yeroo taateewwan xiinsammuu keenya qoran keessa ta’uuni kan jedhan Muummeen Ministiraa, gama tokkoon eeboo isaaniin nu waraanuuf kan nu eeggatan shiraa qaroomeen nu dadhabsiisuuf tattaafataa jiru jedhan.

Gama biroon yeroo ijaarsa Hidha guddicha Haaromsaa Ityoophiyaa marsaa 3ffaa fi boqonnaa murteessatti ce’uuf fiixeera jirru ta’uu ibsuun yaaddoo diinonni kiyyeessan fageenyatti ilaallaa jirruudha jedhaniiru.

Ayyaanni arafaa ayyaana wareegamaati waan ta’eef ayyana kana lammiilee hordoftoota amantaa islaamaa ta’an waliin yoo kabajnu wareegamuuf fedhii argisiisuu qofti qormaataa fi balaa biyya mudatu jalaa baasuu akka hindandeenye hubachuuni jedhaniiru.
Yeroon amma keessa jirrus hanga dhumaatti dhaabbatanii itti fufuu kan gaafatu ta’uu ibsuun raafamuun garuu kan fayyadu diinota ta’uu himan.

Nu injifachuuf tuttuqqaa waaraanaa utuu hin raawwatiin raafamuu ejjennoo keenyaatti waan dhimma ba’aniif, waldhabdee gidduu keenyaa nu’iif dadhabina, diinotaaf ammoo carraa ga’umsa isaanii itti gabbifataniidha jedhan.

Wayita jijjiiramni eegalamu imalaa keenyaan kanneen nu faana dhaabbataniifi yeroo wareegamaa barbaachisuu kaffaluutti kanneen wareegamuuf fedhii argisiisan akka turan kan yaadachiisan Muummeen Ministiraa, sababaan, mufaannaan, yeroo murteessaan wayita ga’u kanneen sigigaatan muraasa akka hintaane tuquuniiru.

Akkuma Ismaa’el ammoo wareegamuuf kanneen duubaatti hin seesne, jabaatanii kanneen biroo kan jajjabeessan gootonni ilmaan biyyaa jiraachuu dubbatan.

Itti dabaluun, namni kamiyyuu umaaman hamaa ta’ee kan dhalatee akka hin jirre eeruun, suuta hammeenyaa barachaa shiraa fi garaa jabinaa madaqfataa dhufaa jedhan.

Adeemsa yeroo keessa gaarummaa turan hammeenyaan hagugamanii golaa onnee keessa miliqanii kan hafan yoo ta’u, kaayyoon barsiisaa amantaa gaarummaa miliqanii fi amalaa gaarii dhokatan baasuudha jedhaniiru.

Namoonni gaarumma raawwachuun dhaabbatan hafuuraanis ta’e fooniin bakka olaanaa kan qaban ta’uu ibsuun Nabiyyuu Ibraahiimis dhala namaa hundaaf fakkeenyaa namootaa ta’an keessa tokko himan.

Bara jireenyaa isaanii onnee isaaniirra kanneen nama jaallatan, ofii isaanii dhugaaf kan of kennan gaarummaa kan keessummeessan, kan qabanirraa qooduun namoota kan tumsan turani jedhan.

Gaarummaa Nabiyyuu Ibiraahiim irraa barachuun guyyaa Ayyana Arafaa fi isa booda ammoo guyyoota jiran waltumsuu fi waldeeeggaruun dabarsuu qabna jedhaniiru.

Hawaasa musliimaa qofa utuu hintaanees hawaasni biroon waltumsuu fi waliif yaaduun Ityoophiyaa qormaataa keessa baasuun, milkaa’ina yaadnuuf geessisuu qabna ibsaniiru.

Yaada qajeelaadhaan waan humni keenyaa eeyyame gaarummaa raawwachuun, damee irratti bobbaaneen Itiyoophiyaaf waan gitu raawwachuu, nageenyaa fi badhaadhummaaf tattafachuu, ashaaraa dilbii dhalootattii ce’u kaa’uun, Ityoophiyummaa keenya dhugaan akka ragaa baanu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment