Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Kutaalee hawaasa sababa hongeen miidhamaniif deebii hatattamaa laachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin hubachiisan.
Koreen ittisa Balaa biyyaaleessaa fi qophummaa yaa’ii idilee gaggeesseen qaamoleen hojii raawwachiiftuu deebii ariifachiisaa fi hoggansa qindoomaa laachaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu kallattii kaa’eera.
Walitti qabaan Koree ittisa Balaa biyyaaleessaa fi qophummaa Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin naannolee hongeen muudateetti kutaalee hawaasaaf deeggersa hatattamaa laachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Kutaaleen hawaasaa hongeen miidhaman deeggarsa hatattamaa argachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hanqinnoota dhiyeessii deeggarsa yeroo ariifachiisaa fi adeemsa raabsaarratti turan waaraan furamuun deeggarsichi fayyadamtoota giddu galeessa godhachuu akka qabu obbo Dammaqaan hubachiisaniiru.
Biyyaattii balaa uumamaa fi namtochee muudate akka dandamattuuf deeggarsa hawaasni diyaaspooraa taasisaa jiran galateeffataniiru.
Deeggarsi eegalame yeroo itti aanuuf kallattii hundaan itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Akkaatuma kallattii fi murtoo korichaan hojiin dhiyeessii fi deebii laachuu eegalame haala gaariin hojjetamuu eegaluu Komishinarri Komishinii Ittisa Balaa Biyyaalessaa obbo Mitikkuu Kaasan ibsaniiru.
Rakkoolee walxaxaa biyyattii muudate furuuf deeggarsi qaamolee tumsitootaa waliin hojjetamaa jiru ga’aa ta’uu dhabuu isaan adeemsa kenniinsaa fi dhiyeessa deeggarsa namoomaa fi deebii laachurratti dhiibbaa uumaa jiraachuu kaasaniiru.
Koreen Ittisa Balaa fi Qophummaa Biyyaalessaa adeemsa deebii laachuu deeggarsa yeroo ariifachiisarratti qaamoleen raawwachiisanii fi hoggansa qindoomina qabu agarsiisaa jiran cimsee itti fufuu akka qaban kallattii kaa’uu ragaan Waajjira Itti Aanaa Muummee Ministiraa FDRI irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.