Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Aanaaleen Godina Arsii Lixaa hawaasa Aanaa Shaallaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala kuma 2fi 733 tasisan.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahmad Hajjii hanqinni roobaa waggoota 3’f walitti fufe hawaasa aanichaa rakkooleedhaaf saaxiluusaa dubbataniiru.
Aanaalee fi bulchiinsotni magaalaa godinichaa hawaasa Aanaa Shaallaatiif deeggarsa midhaan nyaataa gosa garaagaraa Birrii miiliyoona 6 fi kuma dhibba 3tti shallagamu kuntaala kuma 2fi 733 taasisuu dubbatan.
Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbirruu hawaasni Aanaa Shaallaa har’a rakkoo hongee uumameen dararamaa jiru hawaasa armaan dura ummata rakkateef deeggarsa taasisaa ture; har’a ofiisaaf rakkoodhaaf saaxilame jedhan.
Hawaasa kana rakkoo isa mudaterraa dandamachiisuuf hojiin hojjatamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Biqilaa Tufaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.