Haroowwaan Sulula Qiinxamaa Ikkoo Tuurizimii fi hojiilee jallisiif oolchuuf walta’iinsaan hojjechu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Hagayya 28, 2015 (FBC)-Hariiwwan Sulula Guddicha Itiyoophiyaa (Sulula Qiinxamaa) ikkoo tuuriizimii, Jallisii fi tajaajila bishaan dhugaatiif oolchuuf walta’iinsaan hojjechuun akka barbaachisu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministeerichi, haroowwan Giddugala Sulula Qiinxamaa haala hirmaachisaa ta’een misoomsuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Ministir Deetaan damee Bulchiinsa qabeenyaa bishaanii Dooktar Abirahaa Addunyaa, qabeenyaa bishaanii baay’inaa fi qulqullinaan adda baasuuf faayidaa ummataaf oolchuuf qajeelfamni ba’ee hojiirra oolfamaa jira jedhan.

Haroowwan Sulula Qiinxamaa ikkoo tuurizimiif, jallisiif, bishaan dhugaatii fi tajaajiloota biroof oolchuuf walta’iinsaan hojjechuun barbaachisaan ta’uu kaasaniiru.

Rakkoolee haroowwan irra qaqqabaa jiru hambisuufis qaamolee dhimmichi ilaallatuu fi abbootii qabeenyaa waliin qindoominaan hojjechuuf qajeelfamni baafamuu dubbataniiru.

Giddugalli Sulula Qiinxamaa qabeenyaa kuufamaa kan qabu waan ta’eef, karoorri hojiirra oolmaa ba’uun qaamoleen fayyadamuu danda’an adda baafamuun eerameera.

Rakkoowwan Haroowwan irratti mudatan gara carraatti jijjiiruun hawaasa naannawichaaf faayidaarra akka oolaniif qaamolee dhimmichi ilaallatuu waliin hojjetamaa jiraachuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment