Harkifannaan proojaktootan proojaktoonni Birrii biiliyoona 4 eegalamaan baasii hanga Birrii biiliyoona 16 akka gaafatan taasisaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC)- Raawwiin proojaktootaa sababa gadii bu’eef proojaktoonni Birrii biiliyoona 4 eegalamaan baasii hanga Birrii biiliyoona 16tti siqaan fixaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti koreen dhaabbii dhimmoota Jallisii fi Iinarjii beeksise.

Koreen dhaabbiicha raawwii karoora kurmaana jalqabaa Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii fi dhaabbilee itti waamamaa gamaggameera.

Gamaggamichaan Ministeerichi dhaabbilee itti waamamaa waliin qindoomuun hojjechuun duubdeebii koreen dhaabbii laatuu akka galteetti fayyaadamuun akkasumaas, rakkoowwan fi balaawwan qaqqabu danda’aan yaada keessa galchuun akka hojjeetuu korichii yaada dhiyeeseera.

Raawwiin isaa gadi bu’aa ta’uurra darbee hedduun isaanii dhagaan bu’uuraa ka’amee hawaasaa osoo hin fayyadiin hafuun isaanii miseensii koree dhaabbiicha hubachiiseera.

Rakkowwan akka kanaas furuuf yeroo itti aanuutti xiyyeeffannoon laatamuu akka qabu yaadachisaniiru.

Fandiin liqaa naannaawa misooma bishaanii akka debi’uuf gaafatamuus deebi’uu dhabuusaan fayyadammuumman haqaa qabeessaa ta’ee akka hin jiraanneef gufuu ta’eera.

Ta’uus bara baajataa 2013tti rakkoowwan yaada keessaa galchuun furmaanni ka’aamuu akka qabuu koreen dhaabbicha ibsuu ragaan Mana Marichaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment