Hariiroon michummaa baroota dheeraa Ityoophiyaa fi Israa’eel cimee itti fufa-Gaadii Yivaarkaan

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC)- Hariiroon michummaa baroota dheeraa Ityoophiyaa fi Israa’eel cimee itti fufa jechuun dura ta’aan waldaa michummaa Ityoo- Israa’eel Gaadii Yivaarkaan himaniiru.

Gaadii Yivaarkaan ergaa hawaasa idil addunyaatiif keessaayu lammiilee Ityoophiyaaf michummaa cimaa Ityoo-Israa’eel agarsiisuuf dabarsuu isaanii beeksisaniiru.

Akkasumas waraanni akka dhaabbatuuf fedhii akka qaban fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Hariiroon michummaa baroota dheeraa Ityoophiyaa fi Israa’eel cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru.

Jilli fayyaa Israa’eel ergama namoomaa qabate guyyaa kaleessaa Finfinnee galuun isaa ni yaadatama.

Jilichi guyyaa har’as dhaabbilee fayyaa miidhaan irraa gahee deeggaruuf Goondariin galeera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment