Finfinnee, Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Hariiroon dippiloomaasummaa seena qabeessi Ityoophyaa fi Raashiyaan dameewwan garaagaraan cimaa dhufuu Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Raashiyaa Eveegeenii Teerkiin dubbatan.
Hariiroo dippilomaasummaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa waggaa 127ffaan Finfinnee Embaasii Raashiyaatti kabajameera.
Ambaasaaddar Eveegeenii Teerkiin akka ibsanitti, yeroo ammaa hariiroon Raashiyaa fi Ityoophiyaa sadarkaa cimaarratti argama.
Walta’iinsichas magaalota biyyoota lameenii Moskoo fi Finfinnee gidduutti caalmaan cimsuuf sadarkaa dureewwaniitti mari’atamuu himaniiru.
Biyyoota lameen gidduutti hariiroo paarlaamaa, deeggarsa namoomaa fi ummataa fi ummata cimaa dhufuun fi damee indastirii, qonnaa fi anniisaan cimuu kaasaniiru.
Daayrektarri Jeneraalaa Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Isheetuu Xilaahuun saganticharratti akka ibsanitti, manni Maree Nageenyaa Dhababata Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaarra qoqqobbii kaa’uuf walga’iin gaggeessee turerratti, Raashiyaan deeggarsa Ityoophiyaaf taasifteef galateeffataniru.
Bara faranjoootaa 1896 Xaaliyaaniin wayita Ityoophiyaa weeraruuf dhuftu qabsoo Adwaatti taasifame Raashiyaan Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuu yaadachiisaniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo seena qabeessaa cimaa qaban diinagdeen caalmaan cimsuun akka barbaachisu ibsanii, walta’iinsaan hojjechuuf dameewwan daldalaa fi invastimantiin hedduun akka jiran akeekuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.