Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) -Jilli hoggantoota olaanoo Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu Preezdaantii Jiibuutii Ismaa’eel Umar Guulleehi waliin mari’ateera.
Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, Ajajee Waliigalaa Raayyaa Ittisaa FDRI Jeneraal Birihaanuu Juulaa fi Daayreektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo Biyyaalessaa fi Tika Nageenyaa obbo Tamasgeen Xirunahii of keessatti hammate Preezdaantii Jiibuutii Ismaa’eel Umar Guulleehi waliin dhimmoota waqtaawaa naannawaa fi hariiroo biyyoota lamaanirratti mari’ateera.
Jilichi haala waqtaawaa Ityoophiyaa Preezdaantichaaf ibsa taasiiseera.
Mootummaan dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun biyyattii tasgabbeessuuf hojjechaa jiraan ibsaniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii kan yeroo kamiiyyuu ol cimaa ta’uu Preezdaant Ismaa’eel Umar Guulleehiin himaniiru.
Hariiroon Ityoophiyaa fi Jiibuutii seenaa qabeessaa fi cimaa dhiibbaa alaa kamiinuu hin jijjiirramne ta’uu Preezdaant Ismaa’eel Umar Guulleehi ibsaniiru.
Hariiroo ummattootaas ta’ee walitti hidhamiinsi aadaa fi afaanii walitti dhufeenya akka fakkeenyaatti eeramu ta’uu kaasaniiru.
Tumsi biyyoota lamaanii haala adda ba’uu hin dandeenyeen kan ijaarrameedha ta’uu kaasaniiru.
Rakkoon biyya tokko keessatti uumame biyya biroofis dhiibbaa ta’uu marii taasiiisaniin himaniiru.
Yaa ta’uutii tumsa biyyoota lamaan caalmaatti cimsuuf Jiibuutiin yeroo kamiiyyuu caalaa qophii ta’uu Preezdaant Ismaa’eel Umar Guulleehi mirkaneessuu ragaan Jiibuutiitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.