Hariiroon Ityoophiyaa fi Jibuutii hiikoo addaa qaba – Pireezidaanti Saahilawarqi

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC) – Hariiroon Ityoophiyaa fi Jibuutii hiikoo addaa qabaachuu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ibsan.

Pireezidaanti Saahilawarq Jila Dippiloomaasii Jibuutiif affeerraa Irbaataa taasisaniiru.

Ummanni biyyoota lamaanii wayita Hariiroon ammayyaa hin turretti hariiroo cimaa qabaachaa turan jedhan Pireezidaanti Saahilawarqi.

Daawwannaan jila Paablik Dippiloomaasii hariiroo tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.

Jilli Dippiloomaasii Ministir Deetaa Ministeera biyya keessaa Jibuutii Siraaj Umariin durfamu sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi waltajjiilee marii adda addaarratti hirmaachaa turuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment