Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Faransaay gidduu adeemsa seenaa keessattii fi pirojektoota guguddoo waloorratti kan bu’uureffatedha jechuun Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon ibsan.
Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroon Itiyoophyaatti daawwannaa taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.
Pireezidaantichi ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Itiyoophiyaan argama dhala namaaf biyya ashaaraa jalqabaa qabdudha jedhan.
Hariiroon biyyoota lameen gidduu adeemsa seenaa keessattii fi pirojektoota waloo irratti kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.
Bara Faranjootaa 2019 eegumsa hambaa fi aadaa bu’uura ta’aniin sagantaa saayinsiin walsimsiisuun hojjechuuf murteessuu kaasanii, pirojektii eegumsa hambaa addunyaarratti adda ta’e Laallibalaatti hojjetame baatiiwwan itti aanaan keessa akka xumuramu akeekaniiru.
Dabalataan pirojektii haaromsa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa hojjechuun har’a eebbifameera jedhaniiru.
Fuuldurattis fooyya’iinsa diinagdee Itiyoophiyaa ammayyeessuun deeggaruu fi waliigaltee Piriitooriyaa nagaa fi tasgabbii Tigraayiif bu’uura ta’e hojiirra oolchuuf akka tumsan himaniiru.
Abdiin egeree Itiyoopiyaa badhaadhinaa fi nageenya akka ta’u Faransaay ni amanti jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia