Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Chaayinaa giddu haaloota jijjiiramoo Addunyaa kamuu keessatti cime kan turuu fi gara michummaatti ce’uu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboon ibsan.
Ambaasaaddarichi ibsa hariiroo Itiyoo-Chaayinaa ilaalchisuun kennaaniin, hariiroo biyyoota lameenii waldorgommuurra, tumsummaarratti kan hundaa’uu ta’uu dubbataniiru.
Tumsi tarsimaawaan gama, dinaagdeen, hawaasummaan, loltummaa fi nageenyaan ta’uu ibsuun, hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa cimaarraa jiraachuu ibsaniiru.
Chaayinaatti Ittaanaan Dursaa Misiyoonaa Embaasii Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dawwaanoo Kadiir gama isaaniin, Fooraamii Invastimantii Itiyoo-Chaayinaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, kaayyoon fooramichaa carraawwan mijataa invastimantii Ityoophiyaan qabdu beeksisuuf ta’uu eeraniiru.
Dabalataaniis, Abboottiin qabeenyaa Chaayinaa Itiyoophiyaa dhufuun hojiilee invastimantiirratti akka bobba’aniif afeeruu dubbataniiru.
Fooramicharratti Dhaabbileen Chaayinaa 5 Itiyoophiyaatti hojiilee invastimatiirratti hirmaachuuf Koomiishinara Koomiishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Lalisee Namee waliin mallatteessuu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.