Hariiroon dippiloomaasii Ityoo – Ameerikaa fayyadamummaa waloo bifa eegeen itti fufa-  Ambaasaaddar Diinaa

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Hariiroon dippiloomaasii Ityoo – Ameerikaa fayyadamummaa waloo bifa eegeen kan itti fufu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin dubbatan.

 

Ityoophiyaan hariiroo dippiloomaasii bulchiinsa Ameerikaa haaraa waliin taasiiftu tumsaa fi fayyadamummaa waloo bifa eegeen kan itti fufu ta’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

 

Preezdaant Tiraamp Hidha Haaromsaa ilaalchisee hubannoo dogongoraa fi ejjennoo sirrii hin taane qaban ture jedhan.

Bulchiinsi Joo Baayidan garuu Afrikaaf ilaalchota gaarii qabatee dhufa jennee amanna jedhan ambaasaaddar Diinaan.

 

Ityoophiyaan bulchiinsa Joo Baayidan waliin hariiroo fayyadamummaa waloo bifa eegeen itti fufti jedhaniiru.

Sosochii diinagdee, dippiloomaasii fi siyaasaa ilaalchisee bulchiinsa haaraaf ibsa taasiisuuf qophiidhas jedhan.

 

Yeroo itti aanu dhimmoota faayidaa waloo biyyoota lamaanii guddisan irratti hojii ga’aan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Bulchiinsi haaraan Joo Baayidan Ityoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutuu Afrikaa waliin hariiroo gaarii ni qabaata abdii jedhutu jira jedhan.

 

Hariiroon Ityoophiyaa fi Ameerikaa bara Faranjootaa 1903 kan eegale  yoo ta’u, Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa Ameerikaa waliin hariiroo misoomaa cimaa qaban keessaa ishee tokko ta’uu himaiiru.

 

Ameerikaan waggoottan shanan darbanitti Doolaara biiliyoona 4 ol Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuu eerrameera.

 

Baatii Caamsaa 2012 Ityoophiyaan Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30  Ameerikaa waliin walii galtee deeggarsaa mallatteessuun kan yaadatamuudha.

 

Qonni, Fayyaan, Barnoonnii fi wabiin nyaataa dameewwan Ameerikaan deeggarsa misoomaa taasiftu keessa isaan olaanaadha jedhame.

 

Maddi:-TOI

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment