Hariiroon dhaloota gidduu jiruf itti fufiinsa qabaachuu qaba – Pire. Saahilawarq

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) ¬– Qaammeen 5, Guyyaan Dhalootaa mata duree ‘Itiyoophiyaa Ida’ama dhalootaa’ jedhuun Yuunivarsiitii Finfinneetti kabajameera.

Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa biroon sirna kabajichaarratti argamaniiru.

Dhaloonni ammaa kan ijaarame balleessuun osoo hin taane kan barbaachisu itti fufsiisuun kan hin barbaachifne sirreessaa deemuu qaba jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Hojiin hojjetamu hundi fedhii garee, namootaa fi qaama muraasaa guutuuf osoo hin taane kan dhaloota itti aanu tilmaama keessa galche ta’uu akka qaba yaadachiisaniiru.

Hariiroon dhaloota gidduu jiru itti fufiinsa qabaachuun dhaloota rakkoo muudachuu malu darbuu danda’u uumuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Walqeequu caalaa rakkoo uumameef yaada furmaataa barbaaduun dirqama ta’uu dubbataniiru.

Haqummaan, Duudhaalee gaggaariin, amanamummaan, jaalalli biyyaa fi hojiin cimuun dhalootaa dhalootattii darbuu akka qabu ibsaniiru.

Garaagarummaan dhalootaa waraanaan kan hin furamne akka ta’e hubatamuu qaba jedhan.

Biyya dhaloota egereef mijooftuu taate ijaaruun dirqama hundaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment