Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)-Hariioon alaa fi hojiileen dippiloomaasiin Itiyoophiyaa milkaa’ina argisiisaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiyaaleef kennaniin Yaa’ii Gamtaa Afrikaa dabalatee tibbana hojiileen dippilomaasii damee hedduu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamuu ibsan.
Haaluma kanaan damee dippiloomaasiin milkaa’inni olaanaan kan argame ta’uu eeruun waliigalteewwna biyyoota garagaraa waliin ture qorachuu fi waliigalteewwan walta’iinsaa haaraanis gaggeeffamuu himaniiru.
Sababoota garaagaraan waggoota torba booda Yaa’iin Ministirootaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa gaggeeffamerrattis waliigalteewwan walta’iinsa biyyoota lameenii cimsan raawwatamuu Ambaasaaddar Mallas Alam kaasaniiru.
Firehiwot Saffiiwutu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.