Hariiroo waraanaa  Ityoophiyaa fi Jarman cimsuuf daawwannaan gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Hariiroo waraanaa Ityoophiyaa fi Jarman cimsuuf daawwannaan giddugala leenjii Koontiijat Huursootti gaggeeffame.

Xiyyeeffannoon daawwannichaa geejjibaa haaraa fi hojiilee suphaa hundeessuu, giddugalicha bifa haaraan haaroomsuu fi haala tajaajila laachuu danda’u mijeessuuf ta’uu bakka bu’aan ajejaa dhaabbata leenjii nageenya kabachiisaa idila addunyaa Ityoophiyaa Koloneel Taammiraat Andaargee ibsaniiru.

Daawwannaan gaggeeffame hojiilee yeroo itti aanu hojjetamaniif haala kan mijeessu ta’uu gitni isaanii Jarman Koloneel Toomaas Riibarliingaan himaniiru.

Hariiroon waraana Ityoophiyaa fi Jarman cimee kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Fuula Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI irraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment