Finfinnee, Sadaasa 3, 2017 (FBC) – Hariiroo tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos ibsan.
Dooktar Geediyoon Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Rippaablika Ummata Chaayinaa Cheey Hayin waliin dhimmoota waloo biyyoota lameenirratti mari’ataniiru.
Hariiroo tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Dooktar Geediyoon dhimmoota waqtaawaa gaanfa Afrikaa ilaalchisee Ambaasaaddarichaaf ibsa taasisaniiru.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota waloorratti qofa osoo hin taane hariiroo gamhedduu keessattuu dhimmoota nageenyaa gaanfa Afrikaarratti tumsaan kan hojjetan ta’uu eeruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia