Hariiroo Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa fi Taanzaaniyaa gidduu jiru cimsuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Itaamaajooriin Humna Waaraan waliigalaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan daawwannaa hojiif Taanzaaniyaa galaniiru.

Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan wayita Taanzaaniyaa ga’an Itaamaajoorii Humna Waaraanaa waliigalaa Taanzaaniyaa Jeneraal Jaakoob Maankuudaan simatamaniiru.

Kaayyoon daawwannichaa tumsaa fi hariiroo Humna Waraanaa biyyoota lamaanii,akkasumas tumsa tarsiimoo guddisuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuuf ta’uu Ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment