Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC) – Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroo fi Ministira Ministeera Bulchiinsa Fedelaaraa SudaanBuusiinaa Ibraahiim waliin mari’ataniiru.
Hariiroo naannolee daangaa ollaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Hariiroo fi tumsi naannolee biyyoota lamaanii gidduutti taasiifamu hariiroo waliigalaa biyyoota kanneeniif faayidaa guddaa qabaachuu isaan walitti dhiheenyaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu marichaan ibsameera.
Walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf waltajjiiwwan waljijjiirraa Aadaa mijeessuun faayidaa qabaachuu himamuu ragaan Imbaasichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.