Hariiroo naannolee cimsuun olaantummaa heeraa mirkaneesuurratti ga’ee olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Hariiroo naannolee cimsuun olaantummaa heeraa mirkaneesuurratti ga’ee olaanaa qabaachuu Ittaantuun Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aadde Zaahiraa Humad ibsan.

Waltajjiin waloo hariiroo naannolee Oromiyaa, Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa, Uummattoota Kibbaa fi Sidaamaa gaggeeffamaa jira.

Hariiroo naannolee gidduu jiru cimsuun mirgi jiraachuu lammiilee akka kabajamu, duudhaan waloo akka cimu, walitti dhiyeenyi akka uumamu, waliin badhaadhuu fi nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf kan gargaaru ta’uu Aadde Zaahiraan ibsaniiru.

Ijaarsa aadaa diimokiraasiin cinaatti hariiroo uummattootaa cimsuun duudhaan waliin jireenyaa akka jabaatu taasisuu, aadaa jaarsummaa babal’isuu fi aadaa waliin misoomuu fi hojjechuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Naannoleen arfan waggoottan dheeraaf waliin kan jiraatan, hariiroo hawaasummaa cimaa kan qaban, dhimmoota diinagdeen kan walitti hidhatan, duudhaalee hedduu fi dinqisiisoo waliin kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonnii fi keessummoonni kabajaa naannolee Oromiyaa, Uunnattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa, Uummattoota Kibbaa fi Sidaamaa argamuu ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment