Hariiroo naannawaa Ityoophiyaa fi Jibuutii haala cimsuun danda’amuurratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)– Hariiroo naannawaa Ityoophiyaa fi Jibuutii haala cimsuun danda’amuurratti mariin gaggeeffameera.

Dura ta’aan abbaa taayitaa buufatalee fi naannawaa bilisaa Jibuutii Abubaakaar Oomaar Haadii fi hoji raawwachiisaa olaanaan dhaabbata Invastmantii Hooldiing Ityoophiyaa Mihiraatuu Maammoo waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin sochiiwwan misooma waloon hojjetan haalota cimsuun dandeessisuu akkasumas dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Obbo Mihiratuun gama isaaniin, yeroo amma kana biyyoonni lamaan waloon kan raawwataan proojektoonni misoomaa hariiroo naannawaa biyyoota lamaanii cimsuuf akka gargaraan ibsaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment