Hariiroo loltummaa Ityoophiyaa fi Taanzaaniyaa cimsuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) –Hariiroo loltummaa Ityoophiyaa fi Taanzaaniyaa caalmaatti cimsuuf mariin gaggeeffamuu ibsameera.

Guyyaa Raayyaa Ittisaa 116ffaarratti hirmachuu fi damichaan hariiroo loltummaa cimsuuf Finfinnee kan galan Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Taanzaaniyaa Jeneraal Jaakoob Joon, Itaamaajoorii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliin mari’achuu ragaan Ministeera Raayyaarra argame ni mul’isa.

Biyyoonni lameen Hariiroo loltumma cimsuu fi dhimmoota leenjiirratti akkaataa waloon hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment