Hariiroo Ityoophiyaan Turkiyyee waliin qabdu cimee itti fufa- Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Hariiroo Ityoophiyaan Turkiyyee waliin qabdu cimee kan  itti fufu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa ibsan.

Ambaasaaddar Tasfaayeen Ministeera Dhimma Alaa Turkiyyeetti Daayrektoreet Jeneraala biyyoota Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Ambaasaaddar Eeliif Koomooloo’uu Yaanin waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoonni lameen damee garaagaraatti qaban cimee kan itti fufu ta’uu Ambaasaaddar Tasfayeen ibsaniiru.

Haala waqtaawaa kaaba biyyattii fi tattaaffii mootummaan nageenya fiduuf taasisaa jiruurratti ibasa taasisaniiru.

Mootummaan dhiyeessii deeggarsa namoomaaf haalota mijeessuu eeruun, dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa deeggarsa namoomaa akka dhiyeessaniif haalota mijatoo uumuu kaasaniiru.

Mootummaan walitti bu’iinsa waaraan dhaabuufi nageenya buusuuf fedhii qabaachuu, haa ta’u malee ejjennoo jijijjiiramaa gareen ABUT agarsiisu tattaaffii mootummaa duubatti harkisaa jiraachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Eeliif Koomooloo’uu Yaanin gamasaaniin, Turikyyeen michuu dhugaa Ityoophiyaa ta’uu ibsuun, hariiroon biyyoota lamenii gama diinagdee fi invastimantii sadarkaa olaanaarra jiraachuu eeraniiru.

Tumsi gama dame waraanaa fi diinagdee cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment