Finfinnee, Mudde 18, 2015(FBC)- Hariiroo Ityoophiyaafi Hindi dameewwan barnootaafi invastimantiin cimsuuf kan hojjetan ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Sheerii Roobart Shakitiingitan ibsan.
Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Hindi Sheerii Roobart Shakitiingitan waliin mari’ataniiru.
Dooktar Fitsum Asaffaan, michummaan biyyoota lameenii waggoota dheeraa lakkoofsisuu yaadachiisuun, hariiroo biyyoota lameenii barnootaafi qorannoon, daldalaan, invastimantiin, uummataafi aadaan cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Deeggarsa Hindi dameewwan hawaasummaa, siyaasaafi diinagdeen Ityoophiyaaf taasiftu galateeffataniiru.
Ambaasaaddar Sheerii Roobart Shakitiingitan gamasaaniin, hariiroo invastimantiifi hunda galeessa biyyoota lameen gidduutti eegalaman cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.