Hariiroo Ityoophiyaa fi Giriik cimsuuf waliin hojjechuu barbaachisa-Ministira Dhimma Alaa Giriik

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Hariiroo gaarii Ityoophiyaa fi Giriik gidduu cimsuuf itti fufsiisuuf biyyoonni lameen waloon hojjechuu akka qaban Ministirri Dhimma Alaa Giriik Nikoos Deensiyaas ibsan.

Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa, Ministira Dhimma Alaa Giriik Nikoos Deensiyaas waliin dhimmoota gamlamee irratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin, biyyoonni lameen hariiroo gama damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa cimsuuf walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerraa ga’aniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Giriik biyyoota lameen gidduu hariiroon seena qabeessii fi cimaan akka jiru ibsanii, hariiroo kana itti fufsiisuuf waloon hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Ityoophiyaan rakkoolee amma mudataniin dandamachuun akka darbitu amantaa qaban eeruun, deeggarsa nageenyaa fi misoomaaf barbaachisuun Ityoophiyaa akka tumsan waadaa galuu ragaan Xaaliyaanitti Embaasii Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Dammituu Hambisa gama isaaniin, haala yeroo Ityoophiyaarratti, misoomaaf, nageenyaa fi fayyadamummaa waloon walqabatee hojiilee gaggeeffamaa jiran, waa’ee deeggarsa namoomaa, marii biyyaalessaa taasisuuf hojiilee hojjetamaa jiranii fi dhimmoota biroorratti Ministira Dhimma Alaa biyyattiif ibsa kennaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment