Hariiroo Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa caalmaatti cimsuuf ni hojjenna – Ministira Alaa Afrikaa Kibbaa

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Hariiroo Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa caalmaatti cimsuuf xiyyeeffaannoo addaan kan hojjetu ta’uu Ministireerri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa beeksiise.

Afrikaa Kibbaatti ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Muktaar Kadir Itti aantuu Ministira Alaa biyyattii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Muktaar haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Gareen Shororkeessaa ABUT shira biyya diiguu eegale cimsee itti fufuu kaasaniiru.

Yeroo 3ffaaf weerara kan bane garichi, boba’aa deeggarsa namoomaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa Maqaleetti argamu Liitira kuma 570 saamuu ibsaniiru.

Itti Aantuun Ministira dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Keesii Maasheegoo Dilaamiiniin gama isaaniin nageenyi Ityoophiyaa tasgabbii Afrikaa Bahaaf murteessaa ta’uu eeraniiru.

Weerarri gareen ABUT yeroo 3ffaaf bane Afrikaa Kibbaa kan yaaddeessu ta’uu dubbataniiru.

Biyyi isaanii dhimmichi mariin furmaata akka argatu amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment