Hariiroo gaariin  Ityoophiyaafi Hindi daran cimuu qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Hariiroofi deeggarsi Ityoophiyaafi Hindi gidduu jiru jajjabeessaa waan ta’eef daran cimuu qaba jedhame.

Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Hindii Shirii Roobart Sheetikiintoong waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaafi Hindi dameewwan saayinsiifi teekinooloojii, daldalaa, invastimantiifi hojiilee misoomaa biroon waliin hojjechaa jiraachuu Dooktar Ballaxaan ibsaniiru.

Damee invastimantiinis abbootiin qabeenyaa Hindi Ityoophiyaatti hirmaachaa jiraachuu fi biyyoota biroorra tumsa fooyyee qabu kan taasisan ta’uu kaasuun galateeffataniiru.

Hojiilee deeggarsaa Hindi saayinsiifi teekinooloojiin akkasumas walta’iinsa sekteraalee biroo waliin taasistu cimanii akka itti fufan gaafataniiru.

Ambaasaaddar Shirii Roobart Sheetikiintoong gamasaaniin, Hindi yeroo maraa nageenyaafi tokkummaa Ityoophiyaa akkasumas birmadummaa ishee kan kabajju ta’uu ibsuun, abbootiin qabeenyaa Hindii 500 ol dameewwan daldalaafi invastimantii Ityoophiyaarratti bobba’anii jiraachuu eeraniiru.

Hariiroofi deeggarsi biyyoota lameenii jajjabeessaa waan ta’eef fuuladuratti daran cimuu akka qabu ibsuu ragaan Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment