Hariiroo fi deeggarsi Ityoo-Jarman cimee kan itti fufu ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Hariiroo fi deeggarsi Ityoo-Jarman cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota hariiroo alaa fi nageenyaa jila garee paarlaamaa Jarmanii simachuun waliin mari’ateera.

Walitti qabaan korichaa Dooktar Diimaa Nagawoon biyyoonni lameen hariiroo waggoota dheeraa kan qaban ta’uu yaadachiisaniiru.

Jarman hariiroo cimaa Ityoophiyaa waliin qabduun damee teeknooloojiin deeggaraa kan jirtu ta’uu yaadachiisuun gara fuulduraatti gama invastimantiin,barnootaan, teekinikaa fi dhaabilee deebisanii ijaaruun deeggarsa akka taasistu gaafataniiru.

Miseensa paarlaamaa Jarman kan ta’an Roodriich Kiyisweetar gamasaaniin, biyyoonni lameen michummaa cimaa kan qaban ta’uu kaasuun Jarman Ityoophiyaa diinagdeen keessumaa damee teelekoomiin deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Fuulduratti gama barnootaa, muuxannoo jijjiirraa fi teeknikaan deeggarsa taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment