Hariiroo Ameerikaa fi Itiyoophiyaa caalmaatti cimsuuf ni hojjetama – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Jee Maasiingaa waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mulisa.

Obbo Dammaqaan Ambaasaaddar Maasingan baga nagaan dhuftaan erga jedhanii booda hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf deeggarsa barbachisuu hunda kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment