Hariiroo aartii fi aadaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa guddisuuf hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2015 (FBC) –Hariiroo damee aartii fi aadaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa bara dheeraaf ture caalmaatti guddisuuf hojjetamuu akka qabu Ministirri Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaan ibsan.

Raashiyaan waraana Adwaa dabalatee yeroo rakkootti biyya Ityoophiyaa cinaa dhaabbachaa turte ta’uu Obbo Qajaaleen wayita Jila Muuziqaa Aadaa Raashiyaa simatan dubbataniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo isaanii caalmaatti cimsuun yeroo ammaa Teeknooloojii, Saayinsii, Barnootaa fi damee Dippiloomaasiin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo seenaa qabeessa qaban daraan cimsuuf dameewwan Aadaa fi aartiin tumsaan hojjechuun walitti dhufeenya ummattootaa guddisuu qabu jedhan.

Guyyaa biyyaalessa Raashiyaa ilaalchisee qophiiwwan garaagaraa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, qophichi hariiroo hunda galeessa Raashiyaa fi Afrikaa cimsuurratti kan xiyyeeffate ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Evijanii Tarahiin dubbataniiru.

Gareen aadaa Raashiyaa Ityoophiyaa dabalataan Zaambiiyaa fi Taanzaaniyaatti qophiiwwan adda dhiyeessuu eeraniiru.

Wandawasan Araggaanyitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment