Har’as borus rakkoo ummata Tigraay karaa nagaan furuutu filataamaadha – TKM

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Har’as borus rakkoo ummata Tigraay karaa nagaan furuun filataamaa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Mootummaan waraana Kaaba biyyattii dirqamee seene karaa nagaaf furuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa turuun kan yaadatamuudha.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo ilaalchisee ibsa baaseera.

Gareen Shororkeessaa AABUT Naannolee Amaaraa fi Afaarii iddoolee weeraree turee dhiibbamee erga ba’aa booda mootummaan waraanni gara naannoo Tigraay seenurraa of qusachuu ibseera.

Deeggarsi namoomaa gara naannichaa akka seenu waliigaltee dhukaasa dhaabuu gamtokkee taasiisuun haala mijataa uumuu himeera.

Nageenyaaf karra banuuf jecha hidhamtoota hiikuu,

Filannoo nageenyaa hunda fayyadamuuf koree olaanaa filannoo nageenyaa hundeessuun gara hojiitti galamee kallattiin ifa ta’e kaa’amuu ibseera.

Meeshaaleen barbaachisoo ta’an gara naannoo Tigraay akka galan taasiifamuu fi dhaabbilee tajaajilaa garee Shororkeessaa ABUTn barbada’aan qaama 3ffaan hojii eegalchiisuuf sochiin taasiifamaa jiraachuu yaadachiiseera.

Yaa ta’iitii garichi deeggartoota alaa waliin ta’uun irra deebiin waraana eegaluuf fedhii olaanaa qabaachuu isaa agarsiisaa turuu himeera.

Baatiwwan 6 darban dhaadannoowwan garaagaraa ummata waraanaaf kakaasanii fi qocholoowwan adda addaa taasiisaa turuu isaa eereera.

Kallattii Lixaan yaalii haleellaa garaagaraa taasiisus injifatamuun deebi’eera.

Karaa Kibba Naannoo Tigraayis yaaliwwan adda addaa taasiisuun mootummaan yaalicha fashaleessuun furmaannii mariidha jechuun dhimmachi akka hin hammaanne taasiisuu himeera.

Yaa ta’uutii mootummaan rakkicha karaa nagaan furuuf waamicha dhiyeesse cinaatti dhiisuun gareen shororkeessaa ABUT tibbana haleellaa eegaluu isaa ibseera.

Guyyaa har’aa barii sa’aatii 11:00 eegalee Kallattiiwwan Bahaa Biisoobarri, Zoobilii fi  Takulaashiin haleellaa raawwachuu isaa ibseera.

Tarkaanfii fudhateen waliigaltee dhukaasa dhaabuu ifatti diiguu labseera jedhe.

Raayyaan Ittisa Biyyaafi humni nageenyaa hundi haleellaa garee Shorokeessichaarraa itti aggaamame haala qindaa’aa ta’een qolachaa jiraachuu ibseera.

Nageenyaa uummataa eeguuf qaamolee nageenyaa hundi of eeggannoon dhaabachuu eerameera.

Qacceen ofii garaftee ofii iyyiti akkuma jedhamu garichi ofuma isaa  qoccolloo eegaluufi ofuma isaa ammoo holola sobaan iyyaa jiraachuu kaafameera.

Mootummaa nageenyaaf harka isaa diriirse yakkuun “Marichi dursee fashalaa’eera” jechuunfi waraanni hin hafne jechuun duula taasisaa ture cimsuun dargaggoota Tigraay irra deebiin waraanaaf qopheessaa jiraachuu ibsameera.

Tibbana deeggartoonni garichaa idil addunyaa bakka muganii dammaquun qophii waraanichaa duula hololaan deeggaruuf ta’uun isaa ifa ta’uu eerameera.

Hawaaasni idil addunyaa gochaa garichi dargaggoota Tigraay waraanaan ficcisiisuuf dibbee waraanaa rukutu akka dhaabuuf dhiibbaa taasisuu akka qabu yaadachiiseera.

Ityoophiyaanonni biyya keessaafi alaa haleellaa garichaa qolachuufi yaalii badii garichaa fashaleessuuf waloon akka dhaabbatan waamicha dhiyeesseera.

Garichi qoccolloo isaa itti kan fufu yoo ta’e mootummaan dirqama biyya baraaruu waan qabuuf akkasumas gareen shororkeessichaa jaallattes jibes gara filannoo nageenyaatti akka dhufuu taasisuuf mootummaan tarkaanfii barbaachisaa kan fudhatu ta’uu eerameera.

Dirqamicha raawwachiisuuf mootummaafi humni nageenyaa hundi gahumsaafi qophaa’ummaa guutuu irratti kan argaman ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment