“Har’as akkuma kaleessaa qormaatilee injifannoon ceenee, harka keenya galataaf ni diriirsina.”- M/M Abiy Ahimad.

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Har’as akkuma kaleessaa qormaatilee injifannoon ceenee, harka keenya galataaf ni diriirsina jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Minnistiraa Abiy Ahimad, “Ityoophiyaan ni galateeffatti” jechuun ergaa dabarsaniiru.

Guutummaan ergaa isaaniis akka itti aanutti dhiyaata.

Har’as Akkuma Kaleessaa, Qormaatilee Injifannoon Ceenee, Harka Keenya Galataaf ni Diriirsina!

Kabajamtoota Ummattoota Biyya Keenyaa!

Itoophiyaanotaafi Michuuwwan Keenya!

Maqaan Ityoophiyaa jedhu maqaa kabajaa, rakkoowwan injifachuu, qormaatilee dandamachuu fi gufuuwwan qolachuun injifannoon ce’uun hidhata qabudha.

Biyyi keenya baroonni qormaatilee malee dabarsite muraasa.

Ifaajee irree cimaa ijoolleeshee fi arjooma uumaatiin qormaatilee kumaa kitila dabarsitee har’a geesseetti.

Har’as yandoon rakkoolee naannawaa keenya marsee sagalee yoo dhageessise, humnoonni akka baatii Adoolessaa duumessaa rakkootiin jireenya keenyatti dukkaneessuuf watwaatan heddummaatanis imala keenya hindhaabnu.

Nuti cichooma eenyummaa fi gargaarsa uumaa keenyaatti amanannee, yeroo mara dukkana Gannaa garasitti Birraa miidhagaa as adeemaa jirutu goobanee nutti mulata; dukkanaan garasitti ifni calaqqisaan akka jirus beekna.

Akkuma dukkana kaleessaa hunda dabarsine, sababni duumessa yaaddoo har’aa hinceeneef akka hinjirre amannee, uumaa humnaa fi jabina nu badhaaseef har’as galata galchuurratti hin dhiboofnu.

Galateeffachuun humna guddaa bara dabarsine injifannoon, bara keessa jirru carroomaan, bara dhufu ammoo abdiidhaan akka ilaalluuf gargaaru of keessaa qaba.

Faallaa kanaan, balaaleffachuu fi galateeffachuu dhabuun ammoo xiinsammuun injifatamuu fi abdii kutannaa uuma.

Ofis ta’e kanneen biroo gaarummaa fi jaalalaan ilaaluu akka hindandeenye taasisa.

Namnis ta’e ummanni komachuu fi galateeffachuu dhabuutti hidhame, waan dhabe malee dhangaa of harkaa qabu hin argu.

Miidhama malee carraa argate hin yaadatu.

Yaaddoo malee abdiin gara qalbiisaatti hindhufu.

Namni galateeffatu qormaataa fi rakkoo keessatti carraafi injifannoo ilaaluu kan dandauudha.

Dhaha galaanaafi obonboleettii darbee cimina Bidiruu arga.

Guddina qormaataafi rakkoo caalaa, gargaarsa Waaqaafi tokkummaa cimaadhaan injifachuun akka dandaamu yaada.

Ammayyummaan Aksumii fi kan isaan duraa, icciitiin milkii ijaarsa gamoo Laallibalaa fi naannawaa isaa, guddinnii fi dammaqinni ijaarsa magaalotaa Harari fi naannawaa ishee, ammayummaan qonnaa fi daldala walitti hidhuu naannoo Gibee, yaaliiwwan dimookraasii beeksisuu Sirna Gadaa, bulchiinsonni daldalaa fi dippiloomaasii naannawaa Walaayittaa, Kaambaataa, Alaanaa, Adiyyaa, Daawuroo fi Kafaa Baha giddugaleessaa irraa hanga Awurooppaatti walitti fidan, yaaliin bulchiinsa mootummaa waaltawaa hundeessuu Gondar, sirna odeeffannoo fi giddugaleessummaa Affaarii fi Somaalee keessa ture, ammayyummaa duraanii Gaambeellaa addatti kabaja dubartootaaf kennu, qarooma muuziqaa fi meeshaa muuziqaa Beeniishaangul keessa ture, akkasumas ammayyummaa naannolee adda addaa duraa, duuba deebinee yammuu mil’annu qabeenya ittiin boonnuudha.

Uumaa qabeenya kaleessa Itoophiyaa badhaase ittiin boonnu galateeffachuu kan qabnuuf kanaafi.

Biyyi keenya Ityoophiyaan walqoqqooddaa keessoo bara abbootii gonfoo fi dhiibbaa fi cunqursaa gita bittootaa humna hinmul’anneen dandamattee har’a geesseetti.

Seenaanii fi eenyummaan ishee osoo hinbadin, akka dhagaa golee jabaattee dhaabbachuun ishee kan dinqifatamuudha.

Ityoophiyaa, adeemsa haaraadhaan diigumsarra gaaddisa tokkummaa jalatti walitti qabamuu filatte, waraannii fi walitti bu’iinsi, weerartoonnii fi dharraatonni aangoo kumaa kitilli dhalataniiru.

Biyyi keenya waggoottan shantamman darbanitti ijaarsa biyyaa fi sirni bifa qabate osoo hingoolabamin, jijjiiramoota si’ataa fi itti fufiinsa qaban keessummeessiteetti.

Ityoophiyaarratti, warraaqsi, waraanni waliinii, weerarri dhibeewwanii, beellii fi hongeen, balaawwan uumamaa fi namtolchee wal furaanis, ni raasan malee jigsuu fi diiguu hindandeenye.

Diinonni dhiyoo fi fagoo yeroo gara yerootti Ityoophiyaa diiguuf yaaliin hintaasisne, shirri hinqopheessine hinjiru.

Maqaasheetti cilee dibuuf yaalaniiru; waltajjiiwwan idil addunyaarratti irra deddeebiidhaan haqashee dabsaniiru.

Balbala galaanaashee itti cufuun ukkaamsuuf yaalaniiru.

Mirga itti fayyadamaa bishaanii dacheen biyyattii maddisiisee mulquuf waliigalteewwan shiraa fi jal’inaan bocaman hedduun turaniiru.

Kana hunda keessatti, Ityoophiyaan akka Warqee ibiddaan qoramtee, fedha uumaa fi ifaajee ijoolleesheetiin eegamtee, akka biyyaatti itti fufuu danda’uun ishee raajiidha.

Biyyi keenya rakkoowwan kanneen hunda dabartee hara ga’uushee wayita yaadannu, galata dhiyeessuu keenyaaf sababa arganna.

Waggoottan afuran shanan darban seenaa Ityoophiyaa keessatti abdii fi rakkinni, tokkummaa fi garaagartummaan, dinqisiifannaa fi balaaleffannaan idil addunyaa, milkii fi sakaallaan, bilisummaa fi walitti bu’iinsi yeroo wal furaan karaa hinbaratamneen kan keessummeessineedha.

Yeroon kunis yeroo Ityoophiyaan gootota gaafa xiiqii itti horatte qofa osoo hintaane, yeroo itti wareegamaniifiidhas.

Hafeera, dhumeeraaf kan jedhame Hidhi Guddichi Haaromsaa Ityoophiyaa, bishaan guutamee ifa maddisiisuu eegaleera.

Biyya hongee fi gadadoo jedhamaa kan turte, biqiltuu biliyoonotaan dhaabuu fi paarkiiwwan misoomsuudhaan jannata lafarraa ta’uuf imala eegalte cimsitee ittifufteetti.

Biyyi hirkattummaa wabii nyaataa qamadii Ameerikaan yaadatamtu, qonna qamadii bonaa fi oomisha kuduraa fi muduraa eegalteen ofirra dabartee kanneen biroof abdii ta’uurra ga’aa jirti.

Magaalaan Finfinnee tibba tokko iddoo gataa balfaa Afrikaa jedhamuurra geessee turte, bifa maqaashee madaalu qabachuuf tattaafataa jirti.

Qormaatileen nu mudatan gatii qaqqaalii nu kaffalchiisaniiru. Yeroo isa yaadannu ni dhibamna.

Kan dhabneen olitti ammoo kan argannetu caala.

Rakkoon nu hindhaabne; qormaanni nu hin injifanne. Kanaafis uumaa keenyaaf galata guddaa dhiyeessina.

Jaallatamtoota Ijoollee Biyya koo!

Waggoottan muraasa dabarsinetti obboleessi obboleessatti garaa jabaatee, kan waliin jiraanne osoo hintaane kan waliin oolle hanga hinfakkaannetti kan walitti buune, waan maluu fi hinmalletti lubbuun namaa kan itti gaaga’ame, namoota kiyyoo malee kaayyoo hinqabneen dhiiga lammiilee dhangala’e wayita yaadannu ni gaddina.

Akka dhalootaattis ni saalfanna. Waraannii fi walitti buhiinsi kutaawwan Kaabaa fi Lixa biyya keenyaatti lubbuu namaa gaaga’amee fi qabeenya manca’e oggaa yaadannu, ija keenya qofa osoo hintaane lubbuun keenyas ni boossi.

Badiin kutaawwan Bahaa fi Kibba biyya keenyaatti yeroo tokko uumamee ture balaa fi gaaga’ama hindagatamne geessiseera. Booaas tau Uumaa keenya ni galateeffanna.

Kan nurratti ta’erra kan nuuf ta’etu caala.

Ityoophiyaan rakkoo ishee cabsuu fi naaffisuuf aggaamame hunda dandamattee, gaddashee garaatti qabattee, qormaata ciqilfattee darbuun har’a ga’uu fi kallattii qabatterratti cichitee imala itti fufuunshee icciitii dinqisiisaadha.

Badii keessatti misooma, gadda keessatti jajjabina, rakkoo keessatti eebba, dukkana gidduutti ifa nuuf ta’ee, biyya keenyaaf hirkoo fi abdii kan nuuf ta’e Waaqa Ityoophiyaati.

Gaaddisa aara galfii, hirkoo fi gaachana kan nuuf ta’e Waaqa keenya galateeffachuun sagalee faaruu waloo Ityoophiyaanota hundaa ta’uutu mala.

Jijjiiramni faayidaa Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanotaa kabachiisuuf qofa ta’uu kan hubatan, keessattuu, qaamoleen dhimma Abbayyaa fi Gaanfa Afrikaarratti fedhii olaanaa qaban, daandii kallattii fi qaxxaamuraatiin duula hojii badii bahaa turan.

Miidiyaalee fi dhaabbileen guguddoo warra Lixaa humna mootummoota isaaniitti amanatanii biyya keenyarratti duulaniiru.

Dinagdee fi fuula gaarii biyyattii balleessuuf waan danda’an hunda gochaa, michuuwwan keenya akka nurraa dheessaniif harka shiraa dhokataan qabachuuf yaalaa turan.

Haa ta’u malee, yaalii fi aggaammiin isaanii tokkummaa fi onnannaa Ityoophiyaanota qabbanaa’ee ture ni dammaqse malee hinkuffisne.

Injifannoon Adwaas bara keenyatti ni dabalame; duumessi diigumsa biyyaa nu haguugee tures ka’eera.

Kunis dinqii bara keenyaa Waaqni Itoophiyaa yeroo kamuu nu waliin ta’uusaa nutti argaisiisee darbeedha.

Dhiibbaa fi aggaammii idil addunyaa waggoottan lamaan darban kana Itoophiyaarratti dhufe kana, biyyoonni baay’een dandamachuu dadhabanii diigamaniiru.

Waaqni Ityoophiyaa diinaan ciniinamuutti dabarsee nu hinkennine.

Raafamnee akka dhaabbannu, gadi buunee akka kaanu, dadhabnee akka cimnuuf humnaa fi jabina nuuf ta’eera.

Kunoo Ityoophiyaan addunyaa dinqifachiisaa fi taajjabaa itti fufteetti.

Bara dhufuttis irree fi gaachana cimaashee kanatti amanattee ce’uuf fageessitee ilaalaa jirti.

Warra cichoomina ejjennoo Ityoophiyaa gurraan dhageenyee, ijaan qabatamaatti arguuf carroomneef, bara keenyatti seenaa galmaa’eef, Waaqaa fi uumaa Ityoophiyaatiif galata galchina.

Biyyi akka Ityoophiyaa rakkoowwan quunnaman irra dhaabbachuun injifannoon cululuqu jiraaree?

Biyyoonni danooma afaanii, aadaa fi amantaa tokkummaa waliin walsimsiisuudhaan bara dheeraaf itti fufan meeqa ta’u?

Biyyoonni qabeenya uumamaa lafarraa fi lafa jalaatiin durooman, qilleensii fi bishaan isaanii kan eebbifameef, walooma gootummaa onnee fi qarooma sammuutiin kan carrooman yoo jiraatan meeqa?

Biyyi akka Ityoophiyaa bifaa fi bocni ummattoota gurraachaa hundi keessa faca’ee jiruu fi miidhaginashee dabalu eenyu?

Biyyi bilisummaa fi birmadummaadhaan fakkeenya Afrikaanotaa taates Itoophiyaan alatti eessaa argama?

Durii hanga har’aatti biyyoonni akka Ityoophiyaa godaantotaa fi harka qalleeyyii simachuudhaan akka ijoollee isaaniitti kan keessummeessaa turan eenyu fa’adha.

Qormaata keessoo fi dhiibbaa alaa dandamachuudhaan waltajjii Ispoortii idil addunyaarratti injifannoo kan gonfatan Itoophiyaanota mitii?

Addabaabaayii Ispoortiirratti alaabaa biyya keenyaa ol kaasanii kan mirmirsan, dirree injifannoo irratti argatan keessatti harka isaanii ol gara samiitti diriirsanii uumaa isaanii kan galateeffatan Itoophiyaanota mitiiree?

Tasgabboofnee yoo yaadnee fi qalbifannaan eebba keenya yoo lakkoofne, nuti Itoophiyaanonni ka’umsaa fi sababoota balaaleffannaa caalaa kan galateeffannaa baay’ee qabna.

Kanaafiidha, kan yaadaan qalbifannes ta’e kan yaadnee bira ga’uu hindandeenye hundarra dhaabbannee uumaa galateeffachuu fi kabajuutu nurraa eegama.

Rakkoowwan Itoophiyaa har’aa yaabbannoo injifannoo fi riqicha milkii waaraati malee, awwaalcha kufaatii fi gufuu dhaabu hinta’u.

Humnoonni badii kunneen hundi bara ifaa fuula keenya dura jiru arganiiti malee hiyyeeyyii abdii hinqabne ta’uun keenya isaan dhiisee miti.

Mana Warqeen guute malee, manni duwwaan onne diina hinsimatu.

Humnaa fi kuufamni qabeenyaa akka biyya keenyaa diinotaa fi warra waan gaarii nuuf hinhawwinetti mulate, yoo xiqqaate nuttis mulachuu qaba.

Daandiin ariitiin fuulduratti imaluu fi injifannoo waaraa milkeessuu galateeffachuu fi waan gaarii qabnu dinqifannaa fi kabajaan fudhachuu danda’uudha.

Daandii bu’aa bayii hunda biyyi keenya dabarsiterratti nu eegee Waaqa asiin nu gaheef har’as galata qabna.

Garaa lafaa jalaa hanga hawaatti, amantiirraa hanga qabeenya seenaatti, qilleensa naannawaarraa hanga aad-daneessummaatti, gootummaarraa hanga jaalala bilisummaatti, kuufama badhaadhinaa uumaan nu badhaase yaadnee galateeffanna.

Waljibbaa fi walitti bu’iinsa keessaa baanee, walii keenya dinqifachuu fi galateeffachuu aadaa haa godhannu.

Waan darbee fi waan hanqate balaaleffachuu fi mufannaa himachuun dhaloota dhufu dadhabsiisuu hinqabnu.

Wal haa galateeffannu; warri har’aa warra kaleessaatiif kabajaa fi galata malu haa kenninu.

Hundaa olitti ammoo uumaa baroota keessatti nu gargaare dhaabbannee haa galateeffannu.

Michuuwwan wayita fuula nurraa deebifatan, warri nu gargaaran wayita harka dachaafatan, ollaawwan orma wayita ta’an argineerra.

Humni Ityoophiyaa inni hin jijjiiramne, hirkoo, gaachaa fi wabii nuuf ta’e Uumaa qofadha.

Guyyoota 365 keessaa tokkotti fayyadamnee, waliin taanee Uumaadhaaf galata dhiyeessuu fi oolmaa nuuf ta’e yaadachuuf yoo murteessine kan baay’atu miti.

Guyyattii keessaa daqiiqaa tokkoof bakka jirrutti dhaabbannee, oolmaa fi gaarummaa Uumaa yaadannee, Waaqa galateeffachuu qabna.

Bara dhufu mufannaa fi balaaleffannaa, jibbaa fi gadoo qabachuurra, dinqifannaa fi galataan, walgargaarsaa fi dhiifamaan simachuu qabna.

Uumaan Waaqaa fi lafaa fi maddi gaarummaa hundaa akka biyyaa fi ummataatti, akka hoggansaa fi lammiitti, afaanii fi amantii keenya hundaan onneerraa haa galateeffannu.

Weerara dhibee hamaa nu oolcheera; hoomaa awaannisaas nu baraareera; gogiinsi abaarsa akka hintaaneef balbala nuuf dhaabbateera; aggaammii diigumsaa dhiyoo fi fagoo nurraa deebiseera; pirojektonni guguddaa fi guutiinsa bishaanii hidha haaromsaa nuuf milkeesseera; Waaqni icciitii addaatiin biyyaa fi ummata keenya kaleessaa hanga har’aatti eegeera.

Galannii fi kabajni Uumaadhaaf baraa hanga baraatti haa ta’u jennee, daqiiqaa tokkoof bakka jirrutti dhaabbannee, Waaqa Itoophiyaatiif galata akka galchinu waamichan dabarsa.

Itoophiyaan Ifaajii Ijoolleesheetiin Ulfinaa fi Kabajaan Bara Baraan haa Jiraattu!

Uumaan Itoophiyaa fi Ummatashee haa Eebbisu!

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment