Harariitti shakkamtoota 88 ajjeechaa Artiist Hacaaluu waliin walqabatee dhiibbaan akka qaqqabuu taasisan irratti himanni baname

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti shakkamtoota 88 ajjeechaa Artiist Hacaaluu Hundeessaa waliin walqabate dhiibbaan akka qaqqabuu taasisan irratti himanni banamuu Abbaan Alangaa waliigalaa naannichaa beeksise.

Itti aanaan Abbaa Alangaa waliigalaa naannoo Hararii Baakrii Abdallaa, gareen qorannoo federaalaa fi abbaa alangaa naannichaa qindoominaan qornannoo taasisaa turaniiru jedhan.

Ajjeecha artiist Hacaaluu Hunndeessaa waliin wal qabsiisee naannichaatti shakkamtoonni 88 namaa fi qabeenyarratti miidhaa qaqqabsisan irratti himannii banamuu dubbataniiru.

Himatamtoonni kanneen har’a waaree booda mana murtiitti dhiyaachuun himannii isaanii dhaga’ameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment