Harargee Bahaatti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2015 (FBC) – Godina Harargee Bahaa Aanaa Giraawwaatti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 4 darbuu Qajeelchi Poolisii godinichaa beeksiseera.

Halkan edaa Konkolaataan fe’umsaa Aanaa Haramaayaa ka’uun gara aanaa Mayyuu imalaa ture aanaa Giraawwaatti kufee garaagaruun lubbuun namoota 4 darbuu Hogganaan Diivizyii Kominikeeshinii fi Miidiyaa qajeelchichaa Inispeektarri olaanaan Tolasaa Goshuun ibsaniiru.

Balichaan nama tokkorra balaa cimaan,namoota 2 irra ammoo balaa salphaan qaqqabuu Inispeektarri olaanaan Tolasaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaaniiru.

Konkolaachisaan yeroof miliquu fi sababni bilichaa qulqullaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment