Harargee Bahaatti baatiiwwan 11 keessaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 119 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Godina Harargee Bahaatti baatiiwwan 11 darban keessaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 119 darbu Komishiniin Poolisii Godinicha ibseera.

Itti gaafatamaan diviizhiin komikeeshinii fi miidiyaa komishinichaa Inispeektar Toolasaa Gooshuu Faanaa Brooksatiing Koorpooreetti akka himaniitti baatiiwwa 11 darba keessaa balaan tiraafikaa 149 qaqqabeera jedhan.

Balaa qaqqabeeniis lubbuun namoota 119 yoo darbuu namoonni 20 ammoo miidhaa qaama cimaaf kan saaxilamaan yoo ta’u, 8 ammoo miidhaa qaama salphaaf saaxalamaniru jedha.

Qabeenyi Birrii miiliyoona 14 olii  barbada’uu fi kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamuu lakkoofsii balaa qaqqabee dabaluu himaniiru.

Tashoomaa Haayiluutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment