Fiinfinnee, Bitootessa 7, 2017(FMC) – Qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu hedduu keessaa gamoo duriin kan marfamte magaalli Harar daawwatamuu akka qabdu ibsameera.
Waajjirri Ministira Muummee fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka beeksisetti, gamoowwan jaarraa 13ffaa irraa hanga 16ffaatti ijaarmniin kan marfamte Harar, Isilaamummaan kan kabajamtefi aadaa fi seenaan kan badhaatee dha.
Gamoowwan kanneen keessa masjiidonni 82 fi iddoowwan qulquulluu isilaamummaa argaman madda tuurizimii akka ta’anis ibsameera.
kunis bakkeewwan muraasa masjiidota hedduu qaban keessaa tokko akka taatu dandeessisuunis himameera.
Gabaa ho’aa fi bifni ogummaa gamoo giddugaleessummaa gabaa Baha Afirikaa taatee barootaaf turuu isheef mallattoo tokkoodhas jedhameera.
Qabeenya aadaa ishee kanaaf beekamtii kennuun Dhaabbanni Barnootaa fi Saayinsii Mootummoota Gamtoomanii ALA bara 2006 irraa eegalee Jagooliin akka ambaa addunyaatti galmeessuun ibsameera.
Godambaan barreessaa walaloo Faransaay Artar Raamboos hawwattoota tuurizimii achitti argaman keessaa ti.
Biiftuun yoo dhiitus soorri waraabessaa baay’inaan geggeeffamu hawwattoota tuurizimii kanneen keessaa ta’uu barreffamichaan eerameera